Victoria government logo
coronavirus.vic.gov.au

Kittibaatii COVID-19 (COVID-19 vaccine) - Oromo (Oromo)

Odeeffannoo waa'ee talaalliiwwan COVID-19

Yoo nama haasaa hiikuu barbaadde, Tajaajila Hiikkaa Baarreeffamaa fi Hiikkaa Haasaatiif 131 450 irratti bilbili.

Maaliif talaallii fudhachuu qabda

Talaalliiwwan namootni COVID-19n baay'ee akka hin dhukkubsanne ittisuu keessatti nagaawaa fi bu'a qabeessa. Vaayirasicha irraa eegumsa olaanaa mirkaneessuuf talaalliiwwan yeroo yeroon hordofuun barbaachisaadha.

Akkaataa itti talaalaman

Talaalliiwwann kanneen armaan gadii irraa argachuu dandeessu:

Yoo rakkoowwan duraan turan qabaattan yookaan dooziin meeqa akka isin barbaachisu hin beekne GP waliin haasa’uu qabdu.

Talaalliin bilisa, talaallii fudhachuuf kaardii Medicare isin hin barbaachisu.

Eenyutu talaalamuu danda'a

Namoonni umuriin isaanii waggaa 5 fi isaa ol ta’e hundi talaallii fudhachuuf ulaagaa ni guutu. Daa’imman tokko tokko umuriin isaanii ji’oota 6 fi waggoota 5 gadi ta’e talaallii fudhachuuf ulaagaa kan guutan yoo:

  • madiinumma gadaanaa qabaatan
  • qaama miidhamummaa qabaatan
  • rakkoowwan fayyaa dachaa qabaatanii dha.

Talaalliin haaraan vaalaansii lamaa kan gosawwan Omicron irratti xiyyeeffate nama umuriin isaa waggaa 18 fi isaa ol ta'e hundaaf akka doozii guddistuu ta'ee ni argama.

Dooziiwwan meeqaa fi talaalliin kam siifi daa’ima keetiif akka gorfamu GP waliin haasa’i. Odeeffannoo dabalataaf, Talaallii ArgadhuExternal Link daawwadhaa.

Talaallii keessan booda

Miidhaawwan cinaa kanneen akka dhukkubbii bakka lilmoon siif kenname, dadhabbiin, dhukkubbii maashaalee, ho’a qaamaa yookaan dhaamochaa fi dhukkubbii buusaa si mudachuu danda’a. Miidhaaleen cinaa kan idilee fi mallattoo talaalliin kun hojjechaa jiraachuu kan agarsiisudha. Yeroo baayyee salphaa waan ta’aniif guyyaa tokkoo fi lama booda kan deemanii dha.

Miidhaaleen cinaa cimaan baay’ee xiqqaadha. Yoo yaaddoo qabaattan, yookaan guyyoota muraasa booda miidhaaleen cinaa kamiyyuu yoo hin badne hakiima keessan qunnamaa.

Waa'ee talaalliiwwan COVID-19

Talaalliiwwan hundinuu Awustiraaliyaa keessatti fayyadamuu isaanii dura ulaagaalee nageenyaa cimaa Bulchiinsa Meeshaalee Wal’aansaa AwustiraaliyaatiinExternal Link kaa’ame guutuu qabu. Isaanis ogeeyyii fayyaa gahumsa qabaniin kan bulfamanidha.

Awustiraaliyaa keessatti talaalliiwwan 4 kan jiranii fi itti fayyadamuuf kan mirkanaa’e yoo ta’u:

  • Pfizer
  • Moderna
  • Novavax
  • AstraZeneca

Namoonni umurii fi haala fayyaa isaanii irratti hundaa’uun talaalliiwwan adda addaa fudhachuu danda’u. Talaalliin kam akka siif ta’u baruuf GP waliin haasa’i.

Odeeffannoo dabalataa

Doozii itti aanu barbaaddaa kilinika talaalliiExternal Link fayyadamuun GP yookaan mana qorichaa naannoo keessan jiru irraa iddoo qabsisaa. Odeeffannoo dabalataaf, Sarara Gargaarsa Vaayirasii Koronaa Biyyaalessaaf 1800 020 080 irratti bilbilaa.

Reviewed 12 December 2022

Coronavirus Victoria

Coronavirus Hotline

Call the Coronavirus Hotline if you need help to report a rapid antigen test (RAT) or if you have any questions about COVID-19.

The Victorian Coronavirus Hotline diverts to the National Coronavirus Helpline every night between 4pm and 9am.

Please keep Triple Zero (000) for emergencies only.

Was this page helpful?