vic_logo
coronavirus.vic.gov.au

Barmoota (Education) - Afaan Oromoo (Oromo)

Yeroo coronavirus (COVID-19) keessa jijiirama barmoota irratti taasisamuu fi gargaarsa warraa fi guddistootaaf.

Odeeffannoo caalu afaan English argachuuf as Education – information for parents, students and educators page laali.

Gargaarsa caalu afaan keetiin yoo barbaadde, TIS Biyyaalessaa 131 450 irratti bilbilii afaan hiikaa gaafadhu, sana booda toora gargaarsa bilbilaa 1800 338 663 irratti  Coronavirus (COVID-19) waliin akka wal si qunnamsiisan gaafadhu.

Gara kunuunsa daa’immanii fi oolmaa ijoolleetti deebi'uu (Returning to child care and kindergarten)

Wixata 5 Onkololessa (October) irraa eegalee.

Ijoolleen naannoo magaalaa Melbourne, godinaalee fi baadiyaa Victoria keessaa kan isaan itti deebi'uu danda'an

  • Kunuunsa daa’immanii (Child care) Oolmaa Guyyaa Guutuu (Long Day care) yookaan (Oolmaa Maatii (Family Day Care) fi
  • Bakka kunuunsa daa’immaniitti barmoota wal fakkaataa hunda hordofuu.

Kunis qaama Tarkaanfii Sadaffaa Mootummaa Vicoria Akka-itti (Roadmap) Victoria banuu eegaluu ti.

Tarkaanfileen akka-itti baamuu kun hir'isaa deemuu dhibee vaayirasii koronaa (COVID-19) irratti hundaawa.

Gorsa Qondaala Ol-aanaa Fayyaa Victoria irratti hundoofnee tarii jijjiirama ni godhna taha.

Tarii waa'ee nageenya mucaa keetiif akka ati yaaddoftu ni hubanna. Gorsi nuti qabnu kunuunsi daa’immanii fi oolmaan ijoollee bakka nageenya qabu kan vaayirasii koronaa (COVID-19) gadi hir'isee jiruu dha.

Kanas kan nutti hime

  • Qondaala Fayyaa Victoria fi
  • Koree Hoggana Ittisa Fayyaa Australia ( Australian Health Protection Principal Committee (AHPPC).

Jijjiirama bakka kunuunsa daa’immanii fi oolmaa ijoollee deemuu ilaalchisee seeraa mana irraa deemuu dhorku (lock-down rules). Seerri kun namootni hangi tokko qofti akka itti ala deemuu danda'an ibsa.

kunis sababa bakki kunuunsa daa’immanii fi oolmaa ijoollee hojetootaa fi ijoollotaaf nageenya hin qabneef jedhamee miti.

Bakki kunuunsa daa’immanii fi oolmaa ijoollee karoora Ittisa-COVID (COVIDSafe) ni qaba. Kunis akki itti to'annaa fayyaa fi nageenyaa, kan akka yero yeroon kutaa fi meeshaalee qulqulleessuu ni taasisama.

ijoollee hundi gara kunuunsa daa’immanii fi bakka oolmaa ijoollee dhaquun barbaachisaa dha. Baramootaa fi guddina isaaniif akkaan waan barbaachisuuf hordofuus qaban. Keessattuu mucaan kee bara bara 2021 keessa mana barnootaa eegaluuf mana barnoota qophaa’inaaqopheessuuf kun ni barbaachisa.

Ijoollota mana barnootaa qophaa’inaa  bara 2021 keessa eegalaniif manni barnootaa qophii dha (Schools will be ready for children starting Prep in 2021)

Oolmaan ijoollee fi manni barnootaa maatii fi mucaan kee akka itti gara mana barnootaatti dabran irratti si gargaaruu irratti waliin hojjatu Eegala Mana Barnootaa mana barnoota qophaa’inaabara bara 2021.

Banamni Mana barnootaa 1fa (Term 1) ijoollota umrii-ganna-afurii kan akka karoorsametti bara kana bakka oolmaa ijoollee (kindergarten) deemuu hin danda'in gargaara.

Manni barnootaa ijoollota bara bara 2021 keessa mana barnootaa eegalan gargaara, kunis kan dabalu:

  • Toora interneetaa irraan mana barnootaa fi kutaa mana barnootaa do'achuu yookaan ilaaluu
  • Viidiyoodhaan ‘Itti-Mataa Mana barnootaa wal arguu'
  • Vidiyoo konferensii dhaan 'Itti-Mataa Mana barnootaa wal arguu' (‘Meet the Prep team’)
  • Wal-gahii barsiisota bakka oolmaa ijoollee (Kindergarten) fi barsiisota Eegala mana barnootaa mana barnoota qophaa’inaawaliin
  • Ijoollota ganna (waggaa) 5 guutan akka itti mana barnootaa eegalan leenjisuu.

Yoo mucaa kee bara bara 2021 keessa mana barnootaa akka eegalu mana barnootaatti hin galmeessine tahe amma mana barnootaa akka barbaadduuf si jajjabeessina. Mucaa kee hanga danda'ametti daddaffiidhaan galmeessuun kee gaarii taha.  Dameen Barnootaa fi Leenjii (Department of Education and Training) waa'ee mana barnootaa jalqabuu ilaalchisee mar-sariitii (website) irraa odeeffannoo barbaachisaa ni qaba.

Eegalli Mana barnootaa mana barnoota qophaa’inaabara bara 2021 keessa maal akka fakkaatYou should talk to the staff at your child’s school about how Prep will look in bara 2021.

Barsiisotni bakka oolmaa ijoollee keetiis akka itti mucaan kee bakka oolmaa ijoollee irraa dabru irratti si gargaaru gara mana barnootaatti.

Nama afaan siif hiiku ni barbaaddaa?

Bakki oolmaa ijoollee kee lakoysa bilbilaa 9280 1955 bilbiluudhaan nama afaan hiiku akka siif qopheessan gaafadhu yookaan mar-sariitee website kana laali.

Fayyaa fi nageenyaan turuuf wanneen ati godhchuu qabdu (Things you can do to stay healthy and safe)

Bakki kunuunsa daa’immanii yookaan bakki oolmaa ijoollee nageenya ijoollee fi maatii kee eeguuf kan si gargaaru

  • guyyaa hunda yeroo isaan bakka barnootaa yookaan bakka oolmaa ijoollee dhufan ho'ina qaama isaanii ilaaluu
  • bakka itti baratani fi waan ittiin baratan yeroo hunda qulqulleessuu
  • Namootni gudguddaan haguuggoo fuulaa (face masks) akka keeyyatan gaafatamu
  • Ijoollee yookaan maatii fayyummaan itti hin dhagahamne akka mana turan jajjabeessuu. Akkasumas akka ati vaayirasii koronaa (COVID-19) laalamtu si jajjabeessu.

Akkasumas akka maatiin kee qulqulluummaa isaanii manatti eeggatan akka ati itti dubbattu si gaafanna, kunis kan dabalu

  • Osoo gara kunuunsa daa’immanii yookaan bakka oolmaa ijoollee hin dhufin dursitee harka kee akka dhiqattu yookaan qulqulleessituudhaan (sanitiser) akka qulqulleessattu
  • Yeroo mana irraa deemtu haguuggii fuulaa (face mask) akka dirattu kunis gara oolmaa ijoollee yookaan bakka kunuunsa daa’immanii yeroo dhuftu dabalee
  • Namoota si waliin hin jiraanne irraa meetirii 1.5 hiiqi. Kunis hojetootaa fi maatii kan biroo bakka oolmaa daa'imman yookaan bakka oolmaa ijoollee kee dabalee ti
  • Haxooftuu (tishuu) yookaan ciqilee kee keessatti qufa'i, haxxifadhu. qufaa fi haxxisoo booda yeroo hudna harka kee dhiqadhu
  • Yoo si dhukube mana turi. Yoo miirrii fayyummaa sitti hin dhagahamne , vaayirasii koronaa (COVID-19) qoratamuu qabda. Hanga deebitee fayyitutti mana turi.

Yeroo coronavirus (COVID-19) ammaa kanatti ijoollee keetti dubbachuu (Talking to your child during coronavirus)

Qajeelchi kun waa’ee coronavirus (COVID-19) mucaa keetti dubbachuuf si gargaara. Waliin dubbannaa hin yaaddessinee fi amansiisaa tahe qabaachuuf kan ati irraa gargaaramtus kana keessatti ibsamee jira.

Waa’ee coronavirus (COVID-19) dubbachuuf hin sheenawin (hin sodaatin)

  • Ijoollotni irra hedduun waa’ee vayiresii kanaa dhagahanii waan jiraniif warrii fi guddistootni isaanii dubbachuu irraa dhoksuu rakkachuu hin qaban
  • Waa’ee waan takkaa ijoolleetti himuu dhiisuun caalaatti isaan yaaddeessa. Maddeen qabatamaa tahe irraa odeessa argattu akka ijoolleen kees beekaniif itti himi. Kun kan isaan hiriyootaa fi sabaa-himaalee (social media) gara garaa irraa dhagahan caalaatti isaan amansiisa

Ijoolleetti itti siqeenyaan dhugaan itti dubbadhu

  • Umrii mucaa keetii yaadadhu. Odeeffannoo isaan hubachuu danda’an akka galuufitti itti himi
  • Waan hunda isaa gaafatan deebisuu yoo dadhabdes ni taha; waan guddaan ati isaan waliin tahuu kee ti
  • Deebii amanamaa fi ifaa tahe deebisuuf yaali. Hubachuun isaan rakkisa waan taheef odeeffannoo hedduu yeroo tokkotti itti hin himin
  • Yeroo mucaa keetti dubbattu sarminaan (positive) itti dubbadhu
  • Akka mucaa kee caalaa yaaddessutti itti hin dubbatin

Waan ijoolleen kee jedhan dhaggeeffacdhu

  • Ijoolleen kee waa’ee COVID-19 maal akka dhagahan, fi maaltu akka isaanitti dhagahame akka sitti himan gaafadhu
  • Gaafii akka si gaafataniif carraa kenniif. Deebii kenniif, ijoollotni kees hubachuu isaanii adda baasadhu
  • Ijoollotni kaan waa’ee ofii isaanii caalaa nama biraaf yaadda’u. Hanga danda’ametti hiriyoota isaanii kaan waliin - fakkeenyaaf Facetime gargaaramuun akka wal argan –taasisuun gaarii dha

Dhugaa itti dubbadhu

  • Ijoollotaa fi namoota kaan waliin waan dubbattu jecha kee ilaalladhu. Yeroo akkasii keessatti ijoolleen kan yeroo kaan caalaa akka isaan namoota gudguddaa dhaggeefatan yaadadhu
  • Sodaa mucaa keetii harkatti hin tuffatin. Waan akkasii jireenya isaanii keessatti arganii waan hin beekneef yaaddoon isaanii ni hubatamaaf
  • Addunyaa irraa doktoronni fayyaa fi saayintistootni waa’ee COVID-19 kana caalaatti baruu fi nageenya keenya eeguuf baay’ee dalagaa jiru jedhii mucaa keetti himi

Nageenya kee eeguu fuulefadhu

  • Haala jiru akka isaan ofiin to’achuu danda’an taasis. Barbaachisummaa wal irraa hiiquu, harka dhiqachuu fi akka itti sirnaan hordofan barsiisi. Qufaa fi haxxifachuu namoota kaan irraa eegachuuf dirqama isaanii yaadachiisi
  • Yoo ijoolleen kee nama afaan haguuggoo afaanii qabu argan eeggannoof uffachuu isaanii itti himi garuu ammatti namoota hundaaf barbaachisaa akka hin tahin ibsiif
  • Ofii fi maatii isaanii nagummaan itti hin dhagahamu yoo taheef 000 akka bilbilan yaadachiisi

Yeroo beekamaa qabaachuu

  • Yeroo boqonnaa (nyaataa) fi hirribaa saganteessuufiin ijoollota gammachiisuu fi nagaa isaanii waan eeguuf haala isaa qindeessiif
  • Yoo siif danda’ame waan guyyaatti hojjetamu qabaachuu dandeessa. Sagantaa guyyaattii maatii kee waliin hirmaattu bakka hundi arguu danda’an kaa’i
  • Kunis yeroo itti ala deemamu, yeroo taphiisaa, yeroo itti komputeera ilaalani, yeroo itti waa tolchan fi yeroo itti baratan kan dabalu tahuu danda’a
  • Yeroo isaan barbaadanitti fi mucaa keef barbaachisutti deebii kennuufiin kee gaarii dha

Himuu itti fufi

  • Waan mucaan kee beekuu fi irraa yaadda’u adda baasadhu. Yoo tarii odeeffannoo dogoggora argatan tahe beekuun barbaachisaa dha
  • Gaaffii eyyee yookaan lakkii qofaan hin deebine gaafadhu
  • Yoo mucaan kee gaaffii ati deebii isaa hin beekne si gaafate, kanaafuu jedhii deebisiif. Gaaffii gaafatame akka walumaan deebii itti barbaaddan itti himi
  • Yoo ijoollotni kee haala dhukkuba amma jiru irraa fedhii akka hin qabne agarsiisan  yookaan gaaffii si hin gaafatan tahe, sunis gaarii dha
  • Nuti hundi akka wal dhaggeeffanuu fi walitti dubbannu haa beekan
  • Waan dubbattu eeggannoodhaan xumuri
  • Waliin dubbachuu erga eegaltee ijoollee haala yaaddessu keessatti dhiisuu dhabuun barbaachisaa dha
  • Yeroo haasawa kee isaan waliin xumurtu ijoolleen kee yaaddoo keessa seenanii akka hin jirre hubadhu. Kanas dubbannaa, akka itti isaan afuura baasatan yookaan bifa isaanii irraatti jijjiirama arguu dandeessa

Waan ati ijoollee kee irraa eeguu qabdu

Ijoolleen mallattoo naasuu agarsiisuun waanuma jiruu dha. Kunis akki isaan itti mul’ifatan kan inni dabalu:  

  • Sodaa fi yaaddoo   
  • Aarii, baaraguu (frustration) fi waan godhan wallaaluu (confusion)
  • Gadda
  • Waan deemaa jiru haaluu (fudhachuu diduu)

Ofii kees eeggachuu yaadadhu

  • Yoo ofii keetiif yaaddoon sitti gale, mucaa kee waliin dubbachuu yookaan gaaffii gaafatamte deebisuu keetiin dura ofii keetiif tasgabaawuuf yeroo fudhadhu
  • Yoo ofii keetiif yaaddoon yookaan naasuun sitti galtee odeeffannoo walitti qabattee osoo hin turin akka itti dubbattu mucaa keetti himi
  • Wanneen itti aanan kunis nageenya qalbii keetii si gorsuuf si gargaaru:

Gargaarsa dabalaa

Yeroo mucaa keetti dubbattu kan si gargaaru

  • Raising Children Network Coronavirus (COVID-19) fi ijoollee Australia keessaa
  • Emerging Minds – yeroo dhukkuba coronavirus gargaarsa ijoolleef godhamu
  • KidsHealth - Coronavirus (COVID-19): Akka itti mucaa keetti dubbattu
  • eSafety Office:
    • COVID-19: mana barmootaa itti fufuu, barachuu fi akka itti toora interneetaa irraan nageenya eegatan
    • COVID-19: Toora interneetaa ilaalchisee dhimma nageenyaa waan warri barachuu qaban

Ijoollee xixiqqoo fi gudguddoo waliin waan wajjin qooddatan

  • headspace – Yeroo Coronavirus kanatti akka itti muddama yaadaa of irraa hir’isan
  • ReachOut – coronavirus fi akka itti dandamatan

Reviewed 06 November 2020

24/7 Coronavirus Hotline

If you suspect you may have coronavirus (COVID-19) call the dedicated hotline – open 24 hours, 7 days.

Please keep Triple Zero (000) for emergencies only.

Was this page helpful?