Yoo nama haasaa hiikuu barbaadde, Tajaajila Hiikkaa Baarreeffamaa fi Hiikkaa Haasaatiif 131 450 irratti bilbili.
Ofiikee fi namoota biroo COVID-19 irraa eegi
COVID-19 ammallee hawaasa keessa naanna'aa jira. Ammas namoota tokko tokko baay’ee dhukkubsachiisuu danda’a. Ofiikee eeguun karaa baayyee gaarii tahe namoota biroo ittiin eegduudha. COVID yoo hin qabaanne COVID babal'isuu hin dandeessu.
Qoratami
Mana turaatii qorannoo antijiinii ariifataa (RAT) yoo:
- mallattoolee akka dhaqangala’aa funyaanii, madaa qoonqoo, qufaa, ho’a qaamaa yookaan dhaamochiisaa qabaattan fudhadhaa.
- nama COVID-19 qabu waliin yoo wal quunnamtan fudhadhaa.
Yoo qorannoon keessan negaatiivii ta’e, guyyoota itti aanan muraasaaf qorannoo antijiinii ariifataa fayyadamuu itti fufuu fi hanga mallattoon kee badutti mana turuu qabda.
COVID-19n baay'ee dhukkubsachuu yoo dandeessan qorannoo PCR GP gaafadhaa. Yoo qorannoo PCR irraa pozaatiivii taatan bu'aa keessan gabaasuun isin hin barbaachisu.
Odeeffannoo dabalaataa Qorannoo COVID-19 irra argadhaa.
Fayyaa keessan to’adhaa
Yoo qorannoon COVID-19 qabamtanii argamtan boqodhaatii GP waliin haasa'aa. Namoonni baay’een mallattoolee salphaa kan qabaatan yoo ta’u, mana keessatti fayyuu danda’u. Isin kan gochuun isinirra jiru:
- Yoo xiqqaate guyyoota 5f mana turuu. Hojii yookaan mana barumsaa hin deeminaa. Hospitaalota, bakka kunuunsa maanguddootaa, fi tajaajila qaama miidhamtootaa irraa fagaadhaa.
- Yeroo balaa tasaa manaa bahuun dirqama yoo ta'e haguuggii fuulaa uffadhaa. Haguuggiiwwan fuulaa gaariin kan baqaqsanii hodhuu yookaan N95 dha.
- Namoota argitanitti yookaan bakkeewwan dhihoo dhaqxan COVIDn akka qabamtan itti himaa.
Mallattoon kee yoo hammaate ogeessa fayyaa waliigalaa waliin haasa’uu qabda.
Akkasumas Sarara Gargaarsa Vaayirasii Koronaa 1800 020 080 irratti bilbiluu ni dandeessu.
Yoo GP waliin haasa’uu hin dandeenye kunuunsa hatattamaa argachuuf Kutaa Balaa Tasaa Victoria bilbili.
Balaawwan tasaatiif Zeroo Sadii (000) irratti bilbilaa.
Hanga guyyoota 10tti dhukkuba kana daddabarsuu dandeessa. Yoo dhangala’aa funyaanii, madaa qoonqoo, qufaa, ho’a qaamaa, qorra, dafqawwan, yookaan afuura kutaa yoo qabaattan mana turuu qabdu. Qormaata antijiinii saffisaa fayyadami yookaan yoo mirkaneeffanne taate GP waliin haasa’i.
Deeggarsa
Odeeffannoo dabalataatiif:
- Yoo qoramtani COVID-19 qabattan ta'e maal gochuu akka qabdan Tarree sakatta'iinsa daawwadhaa
- Mallattoolee dhukkuba kanaa fi fayyaa keessan mana keessatti kunuunsuuf COVID-19 daawwadhaa.
Nama tokkotti dubbachuuf:
- Toora Gargaarsa Vaayirasii Biyyaalessaa 1800 020 080 irratti bilbilaa
- Tajaajila Hiikkaa Barreeffamaa fi Hiikkaa Haasawaatiif 131 450 irratti bilbilaa
Waa'ee qorichoota COVID gaafadhaa
Qorichi COVID lubbuu namaa baraara, akkasumas namoonni COVID-19n akka malee akka hin dhukkubsanne dhorka. Isaanis akka gaariitti hojjechuuf hamma danda’ametti dafanii fi erga dhukkubsatanii guyyoota 5 keessatti fudhatamuu qabu.
Qoricha COVID argachuuf ulaagaa guutuu fi dhiisuu keessan baruuf gaaffilee deebisaa. Yoo ulaagaa nan guuta jettee yaadde GP waliin haasa’i. Namoonni ulaagaa guutan dafanii wal’aansa akka argatan mirkaneessuuf GPn gargaaruu danda’a
Odeeffannoo dabalataaf Farra Vaayirasootaa fi qoricha ilaali.
Haguuggii fuulaa uffadhaa
Haguuggiiwwan fuulaa COVID-19n akka hin qabamnee fi akka hin babal'isne isin dhorkuu danda'a. Haguuggiiwwan fuulaa qulqullina gaarii kan qabanii fi fuulaaf akka gaariitti kan walsiman ta’uu qabu. Haguuggiiwwan fuulaa N95 fi P2 (hargansiistotni) eegumsa guddaa kennu.
Haguuggii fuulaa uffachuu qabdu:
- geejjiba uummataa irratti, bakka uummanni itti baay’atu keessatti, akkasumas ala bakka namoonni itti baay’atanitti.
- yoo COVID-19 qabaattanii fi manaa bahuun dirqama ta'e
- yoo nama baay’ee dhukkubsachuuf carraa guddaa qabu taatan yookaan nama akkanaa waliin jirtu ta’e.
Daa'imman umuriin isaanii waggoota 2 fi isaa gadi ta'e haguuggii fuulaa godhachuu hin qaban sababiin isaas balaa hudhamuu fi ukkaamamuu waan ta'eef.
Odeeffannoo dabalataaf Haguuggiiwwan ilaalaa.
Doozii talaallii itti aanu argadhaa
Talaalliiwwwan ofii fi maatiin keeessan COVID-19n baay'ee akka hin dhukkubsanne irraa eeguuf karaa hunda caaludha. Talaalliiwwan isiniif gorfaman yeroo yeroon beekuu qabdu. Dooziiwwan meeqa akka gorfamu baruuf GP waliin haasa’i.
Ammas yoo COVID-19 qabaattan talaallii fudhachuu qabdu. Doozii itti aanu GP yookaan mana qorichaa naannoo keessan jiru irraa qabsiisuf barbadaa kilinika talaallii (vaccine clinic fayadama.
Odeeffannoo dabalataaf talaallii ilaalaa.
Qilleensi qulqulluun haa seenu
COVID-19 qilleensa keessa babal'ata. Qilleensa qulqulluu gara iddoo mana keessaa fiduun carraa tamsa'ina COVID-19 hir'isuu danda'a. Yeroo namoota biroo wajjin mana keessatti walitti qabamtan yeroo danda’amutti foddaalee yookaan balbalawwan banaa. Yoo hin dandeenye ammoo qulqulleessituu qilleensaa socho’aa (calaltuu HEPA) kan qilleensa keessaa fixeensa balleessu fayyadamuu dandeessu.
Odeeffannoo dabalataaf Ventilation ilaali.
COVID-19 irraa bayyanachuu
Namootni hedduun COVID-19 daddabarsuu erga dhaabanii booda, miirri badaan itti dhagahamuu danda’a. Qaamni keessan sirnaan akka fayyu kunuunsaa fi yeroo hayyamaafii.
Erga dhukkuba kanaan qabamtanii booda, talaallii itti aanu fudhachuu keessan dura ji'oota 6 eeguu qabdu. Kunis vaayirasicha irraa eegumsa hundarra gaarii ta'e akka argattan mirkaneessa.
COVID-19 irraa erga fayyitanii booda torbanoota 4 booda deebitanii qabamuu dandeessu. Yoo dhukkuba kanaan qabamtee torbanoota 4 fi isaa ol booda mallattoon isinitti mul'ate, qorannoo gochuu qabda.
COVIDn yeroo dheeraa mallattoon COVID-19 ji'oota 3 ol yeroo turuudha. GP keessan kan mallattoolee keessan yaaluuf isin gargaaruu danda’u yookaan kun yoo barbaachise ogeessa fayyaa isiniif erguu ilaaluu qabdu.
Odeeffannoo dabalataa COVID yeroo irratti argadha.
Yoo quunnamaa taate
Yoo mana waliin jiraattan yookaan nama qoratamee vaayirasichaan qabame waliin walitti dhufeenya dhiyeenyaa qabaattan COVID-19n qabamuuf saaxilamoo dha.
Nama qoratamee vaayirasichaan qabame waliin wal qunnamuu kee hordofee guyyoota 7f mallattoolee dhukkuba kanaa hordofuu fi yeroo yeroon qorannoo gochuu qabda. Yeroo kana keessatti, kanneen armaan gadii ni gorfamu:
- hospitaalota, bakka kunuunsa maanguddootaa fi tajaajila qaama miidhamtootaa irraa fagaachuu
- geejjiba uummataa fi bakka mana keessaa kan akka hojii fi mana barumsaa dabalatee yeroo manaa bahan haguuggii fuulaa godhachuu
- yeroo danda’ametti foddaalee banuun qilleensa qulqulluun gara iddoo mana keessaa haa seenu
Odeeffannoo dabalataa Tarree sakatta’iinsaa irratti argachuuf.
Reviewed 04 August 2023