Odeeffannoo caalu afaan English argachuuf as Coronavirus (COVID-19) Victoria homepage Ilaaluu dandeessa.
Gargaarsa caalu afaan keetiin yoo barbaadde, TIS Biyyaalessaa 131 450 irratti bilbilii afaan hiikaa gaafadhu, sana booda toora gargaarsa bilbilaa 1800 338 663 irratti Coronavirus (COVID-19) waliin akka wal si qunnamsiisan gaafadhu.
Gajahumsa (jeequmsa) maatii dheessuu (Escaping family violence)
Dhibee daddabraa coronavirus ittisuuf qoqqobbiin yoo bakka jiraate illee gajahumsa (jeequmsa) maatii jalaa miliquu fi gargaarsa barbaaduuf mana kee gad dhiistee deemuu dandeessa. Hin adabamtu. Yoo poolisiin si dhaabe, akka mana keessaa nagaa dhabdee baate itti himi, isaanis si gargaaru. Zeeroo sadeen (000) irratti bilbili yookin tajaajil gajahumsa (jeequmsa) maatii safe steps 24/7 bilibla 1800 015 188 irratti qunnami, email safesteps@safesteps.org.au yookin mar-sariitii irraan kara itti dubbadhu.
Gargaarsa (Resources)
- Gargaarsa gajahumsa (jeequmsa) – araddaa manooma ummataa (public housing) - Family violence support – public housing estates (Word)
Reviewed 17 November 2020